Acts 13:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni lansa bulchaa oddoolaa qalbicha ka Sergiiyosii Phawuloos jedhamuu ti. Bulchaan kun Jecha Waaqaa isaan irraa dhage'iisaaf barbaadee, Barnaabaasii fi Saa'ol gara ifii waame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni jaala hayyu lafa suni, ka Sergio Paulo jed'ani, nama guddo qalbi qabu. Hayyuuni Barnabafi Saulo yaame, aka dubbi Waaqa d'agayu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii falfaltichii sun, namicha bulchaa lafa galaan keessaa suniin jaala; maqaan namichaa Sergiiyos phaawulos jedhan; innii nama guddoo qalbii qabu. Namichii bulchaa sun akka dubbii Waaqaa warra irraa dhaga'u Baarnaabaasii fi Saa'ol ufii yaame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee nama waa hubatu Sergiyoos Phaawuloos jedhamu ka biyya bulchu woliin ture. Innillee dubbii Rabbii dhagayuu barbaadee Barnaabaasii fi Saa'oliin gara ufii waame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee nama waa hubatu Sergiyoos Phaawuloos jedhamu ka biyya bulchu woliin ture. Innillee dubbii Rabbii dhagayuu barbaadee, Barnaabaasii fi Saa'ooliin gara ufii waame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka jiraatu Sergiiyos Phaawulos ka jedhamu namicha qalbbii qabeessa bulichaa biyyaa ta'e woliin ture, bulichaan biyyaa kun'llee Baarnaabaasii fi Saa'oliin waamsisee, dubbii Waaqaa dhagayu'uuf ni barbaade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni lansa bulchaa oddoolaa qalbicha ka Sergiiyosii Phawuloos jedhamuu ti. Bulchaan kun Jecha Waaqaa isaan irraa dhage'iisaaf barbaadee, Baarnaabaasii fi Saa'ol gara ifii waame.