Acts 14:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Iqoniiyumii keessalle'etti gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenanee, akka maltetti waan barsiisaneef, Yihudootii fi Giriikoti hedduun dhugeeffatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma suni Ikonio keesati worri lachu mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude, ammalle maro dubbi worraatiifi gumiini guddooni ta Yahuditiifi ta Grikileeni d'ugefatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma sun Iqoniiyum keessatti Phaawulosii fi Baarnaabaas mana woldeennaa ka Yihudii olduudanii, marroo dubbii warraatiif gumiin guddoon ta Yihudiitii fi ta Griikiilleen dhugeeffatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iqooniyo'otti Baarnaabaasii fi Phaawuloos woliin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii achittillee sirri'itti waan barsiisaniif Yihuudotaa fi Giriikota keessaa namoonni hedduu amanan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Iqooniyo'ottillee akkuma duraanii gara mana sagada Yihuudotaa seenanii namoonni Yihuudi'iitii fi Giriikii haga namoonni hedduu amananiif isaanitti himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Iqoniiyumtti Phaawulosii fi Barnaabaas woliin gara bakka woligayii Yihudotaa ni aseenan, achi'llee Yihudota baayi'ee fi ummata Waaqa dugaa titti hin amanne keessaa'llee, namoonni haalaan baayi'ee haga amananitti ni barsiisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Iqoniiyumii keessalle'etti gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenanee, akka maltetti waan barsiisaneef, Yihudootii fi Giriikooti hedduun dhugeeffatane.