Acts 14:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gumiin waan Phawuloos godhe yennaa dhaggite, qoonqoo guddo'oon, “Waaqoti namoota fakkaatanee gara keenna gad bu'aneeran” jedhanee afaan Liqaa'oniya'aatiin dubbatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti waan Pauloni tolche arginaani qonqo olfud'atte, afaani Likaoniatiini waan jette, Waaqooti hedduuni ya nama fakaate nuti gadi buute!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyyitii waan Phaawulos tolche arginaan qoonqoo olfudhattee, afaan Liqaa'oniyaatiin, “Waaqootii hedduun ya nama fakkaattee nutti gadi buute!” jettee dubbate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin hennaa waan Phaawuloos godhe argan laagaa ufii ol qabatanii afaan Liqa'ooniya'aatiin, «Maleekka'atu nama fakkaatee gara keenna bu'eera» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baniin waan Phaawuloos godhe hennaa argan laagaa ufii ol qabatanii, «Afaan Liqa'ooniya'aatiin malekka'atu nama fakkaatee gara keenna bu'eera» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni'llee Phaawulos waan raawwate yeroo arganitti qooniqqa isaanii ol fudhatanii, «Waaqoleen harkaan hojjataman bifa namaatiin ta'anii, gara keenna bu'anii jiran!» jechu'uun, afaan worra Liqaaonya'aatiin ni dubbatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin waan Phawuloos godhe yennaa dhaggite, qoonqoo guddo'oon, «Waaqoti namoota fakkaatanee gara keenna gad bu'aneeran» jedhanee afaan Liqaa'oniya'aatiin dubbatane.