Acts 14:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Hayyichi, galma Ze'osii ka qacha'aan ala jiru keessa tajaajilu, korommi'ii fi daraaraa gara karra qacha'aa fidee, kolbaa woliin Phawuloosii fi Baarnabaasiif ciincaa dhikeessiisaaf barbaade.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani qaalluuni Zeu, ka mani isaa dira bira jiru, sangafi daraara balbala diratiini d'ufe, biyya woliini sorio qalu fed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan qaalluun Zeos, ka manii isaa dhaattuu balbala diraan seenaanii sangaa fi daraaraa balbala diraatiin dhufee, biyya waliin sooriyoo qaluu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadichi Diyaan mana woyyuu ka afoo qacha'aa jiru keessatti korommi'ii fi abaaboo bareechifamee marame banii woliin gara balbalaa fidee kennaa ciinca'aa godhee kennuu barbaade.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gadichi Diyaan mana woyyuu ka afoo qacha'aa jiru keessatti korommi'ii fi abaaboo bareechifamee marame banii woliin gara balbalaa fidee kennaa ciinca'aa godhee kennu barbaade.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Magaala'aan ala ka jiru qeesichi mana waaqeffannaa diya'aa, korommi'ii fi korbboo abaabootaa gara balbala magaala'aa fidee, ummataan woliin hirmmaachu'uun galmma Phaawulosii fi Barnaabaasii, kitimaa dhiyeessu'uufii ni barbaadde.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi, galma Ze'osii ka qacha'aan ala jiru keessa tajaajilu, korommi'ii fi daraaraa gara karra qacha'aa fidee, kolbaa woliin Phawuloosii fi Baarnaabaasiif ciincaa dhikeessiisaaf barbaade.