Acts 14:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Jarana, isin maaf waan kana gootan? Nuutille namuma akka keessanii ti. Nuuti akka isin waan gatii hin qanne irraa fagaattanee, gara Waaqa jiraataa ol-gubbaa, lafa, abbaayaa gudditti'ii fi waan isii keessa jiru duudii dadee, akka deebitanu Oduu Gammadaa isiniif lallabaarra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Dhiiroo, isan maaf waan akkanaa kana tolchitani? Nu waaqootaanii namuma akka keessaniitii! Nu oduu dansaa isanitti haasoomna, akka waan kana ka homaa hinta'iin irraa deebitanii, gara Waaqaa jiraataa ka lafaa fi gubbaa, galaanaa fi waan keessa jira cufaa uumeetti deebitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin namoota nana! maaf kana gootan? Nullee ammo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Dubbii Nagayaa isinitti lallabna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Isin namoota nana, maaf kana gootan? Nullee ammoo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Oduu Nagayaa isinitti lallabna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin namoota nana maali'iif kana raawwattan? nu'llee akkuma keessan bee namootaa, nu'u asi ka dhufnneef isin waan tasa kana mara irraa fagaattanii, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi wonittoota isaan keessatti argaman mara gara ka uumee, gara Waaqa jiraata'aa akka deebitaniif, oduu Gammachu'uu isinitti himu'uuf,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Jarana, isin maaf waan kana gootan? Nuutille namuma akka keessanii ti. Nuuti akka isin waan gatii hin qanne irraa fagaattanee, gara Waaqa jiraataa ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii dadee, akka deebitanu Oduu Gammadaa isiniif lallabaarra.