Acts 14:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti ammoo qachoota Anxokiya'aatii fi Iqoniiyumii dhufanee, akka kolbaan yaada isaanii fudhattee Phawuloos irratti kaatu godhanee, dhaka'aan isa tumane; du'eera seyaneelle qachaa keessaa harkisanee gad baasane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini Antiokiatiifi ta Ikonio d'ufte biyya sosobde, Paulo d'akhaani haate, dira keesaa hirkifte, waan inni due seete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin Anxokiyaatii fi ta Iqoniiyumii dhuftee biyya sossobdee, Phaawulos dhakaan haatee, waan innii du'e seetee dira keessaa hirkifte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni Anxookiya'aa fi Iqooniyooniin keessaa dhufan ammo banii sossobanii Phaawuloosiin tumanii waan du'e isaanitti fakkaatee qacha'aa gara raasa'aa harkisaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonni Anxookiya'aa fi Iqooniyooniin keessaa dhufan ammoo banii sossobanii Phaawuloosiin tumanii waan du'e isaanitti fakkatee qacha'aa gara raasa'aa harkisaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudonni garuu Anxokiyaa fi Iqoniiyumii garas dhufanii ummata kakasaniiti, Phaawulosiin dhaga'aan akka woqaraniin ni raawwatan, waan du'e isaanitti fakkaatee'llee harkisanii magaala'aa ni baasaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti ammoo qachoota Anxokiya'aatii fi Iqoniiyumii dhufanee, akka kolbaan yaada isaanii fudhattee Phawuloos irratti kaatu godhanee, dhaka'aan isa tumane; du'eera seyaneelle qachaa keessaa harkisanee gad baasane.