Acts 14:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee yennaa dhugeeffattooti dhufanee isatti naannowanee dhaabbatane, Phawuloos lafaa ka'ee gara qacha'aa ol deebi'e. Boruyyaa Baarnaabaas woliin gara qachaa Derbe'ee dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ato gumiini d'ugefatte isa marsitu, inni olkae dira olseene, boriyya Barnaba woliini gara dira Derbe d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo adoo gumiin dhugeeffatte isa marsituu, innii olka'ee dira olseenee, boriyyaa Baarnaabaas waliin gara dira Derbee dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ta'ullee uduma darasoonni isa marsaniiran ka'ee gara qacha'aa seene. Bariisaa san Baarnaabaasiin woliin gara Darbe'ee dhaqe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu darasoonni marsaniiran ka'ee gara qacha'aa seene. Bariisaa san Baarnaabaasiin woliin gara Darbe'ee dhaqe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu barattoonni dhufanii naannaya isaa yeroo dhaabatanitti, Phaawulos ka'ee gara magaala'aa ni gale, guyyaa itti aanutti'llee Barnaabaasiin woliin gara Darbe'ee ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee yennaa dhugeeffattooti dhufanee isatti naannowanee dhaabbatane, Phawuloos lafaa ka'ee gara qacha'aa ol deebi'e. Boruyyaa Baarnaabaas woliin gara qachaa Derbe'ee dhaqe.