Acts 14:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Derbe'eetitti Oduu Gammadaa lallabanee, namoota hedduu dhugeeffattoota godhaneen duuba, gara qachoota Lisxira'aa, Iqoniiyumii fi Anxokiyaa biyya Phisiidiyaa keessatti dhaggantuu deebi'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi worri dubbi Waaqa dira suni keesati hasae nama heddu barsiise, worri Listrafi Ikoniofi Antiokiati deebie,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii Phaawulosii fi Baarnaabaas dubbii Waaqaa dira sun keessatti haasa'anii nama hedduu barsiisaan, warrii Lisxiraa, Iqoniiyumitii fi Axokiyaatti deebi'e,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachaa sanitti Dubbii Nagayaa lallabanii darasoota heddu haga taasisaniin maayii garaa darasootaa jabeessa'aa akka amanti'iin jabaatanii jiraatan gorsa'aa, «gara jeennata Rabbii rakkoo guddaa keessa lufnee galuu nu barbaachisa» jedha'aa gara Lisxira'aa, Iqooniyoonii fi Anxookiya'aa deebi'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qachaa sanitti Oduu Nagayaa lallabanii darasoota heddu haga taasisaniin maayii garaa darasootaa jabeessa'aa amanta'aan jabaatanii akka jiraatan gorsa'aa, gara jeennata Rabbii rakkoo guddaa keessa lufnee galuu nu barbaachisa jedha'aa gara Lisxira, Iqooniyoonii fi Anxookiya'aa deebi'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulosii fi Barnaabaas Darbee wongeela barsiisanii namoota baayi'ee amanttoota eega taasisaniin duubatti, Lisxiraa fi Iqoniiyumiin dabrranii, gara Anxokiyaa Phisidiyaa argamttuu ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Derbe'eetitti Oduu Gammadaa lallabanee, namoota hedduu dhugeeffattoota godhaneen duuba, gara qachoota Lisxira'aa, Iqoniiyumii fi Anxokiyaa biyya Phisiidiyaa keessatti dhaggantuu deebi'ane.