Acts 14:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan Anxokiyaa yennaa geyane, kolbaa wolde'a kiristaanaa wolitti qabanee, waan Waaqi karaa isaaniitiin godhe duudi'ii fi worra Yihudoota hin te'iniif karaa dhugeeffanna'aa attam akka bane himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri d'ufnaani gumi wolti yaamani, worri waan Waaqi harka worraatiini tolche ch'ufa odeese ammalle aka inni balbala d'ugefacha gosa d'ibile bane odeesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Anxokiyaa dhufee gumii walti yaamee, waan Waaqii harka warraatiin tolche cufaa haasa'ee, ammallee akka Waaqii karaa dhugeeffachaa gosa hindhugeeffatin dhiibiillee bane hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanti'ii akka isaanii bane himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanta'aa akka isaanii bane himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achii'llee yeroo gayanitti worra amanttootaa bakka tokkotti wolitti qabanii, waan Waaqinni isaan woliin ta'ee raawwate maraa fi ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee akka amananiif, attami taasisee balballi akka isaaniif bane isaanitti ni himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan Anxokiyaa yennaa geyane, kolbaa wolde'a kiristaanaa wolitti qabanee, waan Waaqi karaa isaaniitiin godhe duudi'ii fi worra Yihudoota hin te'iniif karaa dhugeeffanna'aa attam akka bane himane.