Acts 15:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Baarnaabaasii fi Phawuloos baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaaniitiin worra Yihudoota hin te'in oddu'utti huje yennaa dubbatanu, gumiin duudiin cadhi jettee dhageette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini ch'ufti ch'allifte Barnabafi Paulo ka akheekhafi waan mama ka Waaqi jiddu gosa d'ibii harka worraatiini tolche odeesu ch'aqafte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin cuftii calliftee Baarnaabaasii fi Phaawulos ka akka Waaqii akeekaa fi waan mamaa harka warraatiin jidduu gosa dhibiitti tolche haasoftu caqafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa kana baniin maruu hin cadhise. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaaniititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baniin maruu hin cadhisse. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaanititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti yaa'iin marri caldhisee Barnabaasii fi Phaawulos karaa isaaniitiin, Waaqinni Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne jiddu'utti ka raawwate baasaa fi maalalee mara, yoo dubbatan maalalffatan isaa ni dhageeffate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baarnaabaasii fi Phawuloos baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaaniitiin worra Yihudoota hin te'in oddu'utti huje yennaa dubbatanu, gumiin duudiin cadhi jettee dhageette.