Acts 15:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri hafe duudiille gara kiyya akka dhufu, worri Yihudoota hin te'in ka ani maqaa kiyyaan waame duudiin kiyya akka te'uuf, Goottaan tana godhu akkas jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka nama d'ibi ch'ufaafi nami gosa ch'ufa, ka maqa kiyyaani yaamani, Aabbo barbaadu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka nama dhibii fi namii gosa lafa irra jirtuu cuftii, ka maqaa kiyyaan yaaman, Aabboo barbaadu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daasee Daawitii ta kuftellee deebisee ijaara; ka diiggamellee deebisee ijaara; deebisee dhaaba; jedha Gooftaan kana godhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Duukkaanaa Daawitii ta kuftellee deebisee ijaara; ka diiggamellee deebisee hin ijaara deebisee dhaaba jedha Gooftaan kana godhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee ka raawwadhuuf namoota hafanii fi ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne ka maqaa kiyyaan waamaman marrinuu ana Waaqa akka barbaadaniif,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri hafe duudiille gara kiyya akka dhufu, worri Yihudoota hin te'in ka ani maqaa kiyyaan waame duudiin kiyya akka te'uuf, Goottaan tana godhu akkas jedha.