Acts 15:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Tanaaf akka yaada kiyyaatitti, worra Yihudoota hin te'in ka gara Waaqaa deebi'anu rakkisuu hin qannu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi wonti anini heregu tana: Nu worra gosa d'ibi ka Waaqati deebie gaargalchu himmalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf wantii anin herregu tana; nu warra gosa dhibii ka Waaqaatti deebi'e gaargalchuu hinmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kanaafuu worri worra Yihuudii hin taane irraa gara Rabbii deebi'an akka isaan hin rakkifne;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Kanaafuu worri worra Yihuudii hin taane irraa gara Rabbii deebi'an akka isaan hin rakkifne,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kanaaf yaanni kiyya worra gara Waaqaa deebi'an, Ummata Waaqa dhugaa hin beekinne akka nu'u isaan hin rakkifnneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf akka yaada kiyyaatitti, worra Yihudoota hin te'in ka gara Waaqaa deebi'anu rakkisuu hin qannu.