Acts 15:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni kun akka Phawuloosii fi Baarnaabaas, namoota san woliin falmanuu fi moromanu goote. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota dhibii ka biyya Anxokiya'aa keessa jiranu garii woliin gara Yerusaalemii dhaqanee, waan kana ergantootaa fi jaarsolee wolde'a kiristaanaa woliin akka ilaalanu murteeffame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Paulofi Barnabani worraani wold'aqu dad'amnaani, worri aka Paulofi Barnabafi nami d'ibileeni Yerusalemu d'aqani, aka ergattufi jaarole waan kana gaafatani buufatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tana irratti Phaawulosii fi Baarnaabaas warraan waldhaquu dadhamnaan, warrii akka Phaawulosii fi Baarnaabaa namii dhibiillee waliin Yerusaalem dhaxee, ergamtootaa fi jaarrollee waan kana gaafattu buufate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yerusaalemii akka bayan murtaaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yeruusaalemii akka bayan murtaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulosii fi Barnaabaas waayee kanaa namootaan woliin didaa fi wol mormmii ni raawwatan, kanaan duubatti Phaawulosii fi Barnaabaas Anxokiyaa worra jiran obboleeyyan bira'aa muraasa woliin ta'anii, gara Yerusaalemii akka deemanii fi dhimmicha ergamittootaa fi jarsoti'itti akka dhiyeessaniif ni murttaaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun akka Phawuloosii fi Baarnaabaas, namoota san woliin falmanuu fi moromanu goote. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota dhibii ka biyya Anxokiya'aa keessa jiranu garii woliin gara Yerusaalemii dhaqanee, waan kana ergantootaa fi jaarsolee wolde'a kiristaanaa woliin akka ilaalanu murteeffame.