Acts 15:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Addee akkasii, sagalee waaqotaaf dhikaatiisaan battootte hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; foon horii hudhamee du'ee akka hin nyaanne, dhiigalle akka hin nyaanne jennee, isaaniif barreessuu qanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nu tatabe d'aamsa nagaya worraa t'aamna, aka worri sagale waan harkaani boch'ani baasani dide, algalooma ira ufi d'owe, waan hud'ani ijeesani yokhaani d'iigale lagatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo nu akka warrii sagalee waaqaa sobaa ka harkaan bocanii baasan didee, algalooma irraa ufi dhowwee, horii hudhamee du'ee foon hin nyaanne, yokaan dhiigaalle hindhunne, nu erga dhaamsa nagayaa warraa barreessina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
waaqolee tolfamaa, battummaa, seebaruu, horii ufiin du'ee fi dhiiga irraa akka fagaatan isaanii barreessu'uuf kutadheera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
waaqolee tolfamaa, battummaa, seebaruu, horii ufiin du'ee fi dhiiga irraa akka fagaatan isaanii barreessu'uuf kutadheera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana irra ‹sababaa waayee Waaqa harkaan hojjatameef qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa, uduu hin qalaminii fi dhiiginni isaa'llee uduu hin jigin hudhamee ka du'e foon horii du'ee hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa!› jennee isinii ni barreessina.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year