Acts 15:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ergantootaa fi jaarsoleen, wolde'a kiristaanaa duudii woliin kolbaa keessaa worra garii filanee, Phawuloosii fi Baarnaabaas woliin gara Anxokiya'aa ergiisaaf murteeffatane. Isaan namoota lama Yihudaa ka Baarnaabaas jedhamuu fi Siilaas, worra dhugeeffattootaan kabajamane filaanee ergane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani ergattufi jaarolefi gumiini ch'ufti ee jette, worra gugurda gumi Waaqaa keesaa nama ufi fohate Antiokiati ergite, Paulofi Barnaba woliini: toko Yuda ka Barnaba jed'ani kaaleni Sila.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamtootaa fi jaarroleen, gumii Kiristaanaa cufaa waliin, gumii Waaqaa keessaa nama foohanii, Phaawulosii fi Baarnaabaas waliin Anxokiyaatti, erguuf, walii galanii, Yihudaa ka “Barsaabbaas” jedhanii fi Siilaas foohanii Phaawulosii fi Baarnaabaas waliin ergan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san ergamtoonninii fi manguddoonni woldaa kiristaanaa maraa woliin, isaan keessaa namoonni filataman Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin woliin gara Anxookiya'aa akka ergaman hoffolchan. Isaanillee obboleewwan jiddu'utti worri ijoo ta'an Yihuudaa Beersiyaan jedhamuu fi Sillaasiin fa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san ergamtoonninii fi manguddoonni woldaa kiristaanaa maraa woliin, isaan keessaa namoonni filataman Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin woliin gara Anxookiya'aa akka ergaman hoffolchan. Isaanillee obboleewwan jiddu'utti worri ijoo ta'an Yihuudaa Beersiyaan jedhamuu fi Sillaasiin fa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti ergamittoonnii fi jaarsotiin namoota woldayaa amanti'ii mara woliin ta'anii, yaa'ii jiddu'uu namoota muraasa filanii Phaawulosii fi Barnaabaasiin woliin gara Anxokiya'aa ergu'uuf ni murteessan, kanaaf obboleeyyan jiddu'utti hooganttumma'aan maqaa mishaa ni qaban worra turan, Barnaabaas ka jedhame Yihuda'aa fi Siilaasiin ni filatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergantootaa fi jaarsoleen, wolde'a kiristaanaa duudii woliin kolbaa keessaa worra garii filanee, Phawuloosii fi Baarnaabaas woliin gara Anxokiya'aa ergiisaaf murteeffatane. Isaan namoota lama Yihudaa ka Baarnaabaas jedhamuu fi Siilaas, worra dhugeeffattootaan kabajamane filanee ergane.