Acts 15:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Xalayaan barreeffamee isaanitti kenname ka asii gad jiru: “Nu ergantootaa fi jaarsoleen obboleeyyan teessan, isin obboleeyyan teenna dhugeeffattoota Yihudoota hin te'in ka qachaa Anxokiya'aa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiyaa keessa jirtanuuf nageya keenna dhikeessina.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tatabe tana t'aafani harka worrati kennani waan jed'ani: Nu ergattufi jaaroleeni, oboleyaani teesani, nagaya oboleyaani gosa d'ibi ta Antiokiatiifi ta Shamutiifi ta Kilikiati ergina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergaa tana barreessanii harka warraatti kennanii, “Nu ergamtootaa fi jaarroleen, obboleeyyan teessan, nagayaa obboleeyyan hindhugeeffatin ta gosa dhibii, ta Anxokiyaa ardaa Sooriyaatii fi ta Qiliqiyaatti erginaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkanatti barreessanii isaan irraan ergan. Ergamtoonninii fi manguddoonni obboleewwanillee worra Anxookiyaa, Sooriya'aa fi Kiliqiyaa jiran obboleewwan gosa Yihuudii hin taaneef nagaya dhaamaniiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkanatti barreessaanitti isaan irraan ergan. Ergamtoonninii fi manguddoonni obboleewwanillee Anxookiya'aa fi Sooriyaa worra Kiliqiyaa worra jiran obboleewwan gossa Yihuudii hin taaneef nagaya dhaamaniiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Xalayaa barreeffame'llee harka isaanii titti ni ergan, xalayaan'llee akkana ka jedhu ture, «Nu'u ergamittoonninii fi jaarsotiin obboleeyyan keessan taane, Anxokiya'aa fi Sooriya'atti, Kiliiqiyaa'llee worra jiraatan gosa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee obboleeyyan keenna worra taataniif, nagaya ni dhiyeessina,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Xalayaan barreeffamee isaanitti kenname ka asii gad jiru: «Nu ergantootaa fi jaarsoleen obboleeyyan teessan, isin obboleeyyan teenna dhugeeffattoota Yihudoota hin te'in ka qachaa Anxokiya'aa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiyaa keessa jirtanuuf nageya keenna dhikeessina.