Acts 15:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf isaan wolde'a kiristaanaatiin ergamanee deemane; isaan Finiiqe'ee fi Samaariyaa keessa taraa, worri Yihudoota hin te'in gara Waaqaa akka deebi'ee fi dhugeeffate himane. Oduun tunille dhugeeffattoota duudii guddoo gammachiitte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba gummiini Waaqaa imaltu worra ergite; Foinikefi Samaria keesa dabrani, aka nami gosa d'ibi gara Waaqa deebie odeesani. Oduuni tuni guddo oboleyaani ch'ufa gammachiifte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba gumiin Waaqaa imaltuu warra ergitee; warrii akka namii hindhugeeffatin ka gosa dhibii gara Waaqaa dacha'e odeessaa, Finiiqeedhaa fi Samaariyaa keessa dabree, oduun tun obboleeyaan dhugeeffatte ta achii jirtu cufaa guddoo gammachiifte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woldeenni kiristaanaa karaa irratti isaan gargaara'aa, isaanillee akka worri Yihuudii hin taane gara Rabbii deebi'an isaanitti hima'aa, Finiqe'ee fi Samaariyaa keessa lufan obboleewwan maruu guddisanii gammadan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woldeenni kiristaanaa karaa irratti isaan gargaara'aa isaanillee akka worri Yihuudii hin taane gara Rabbii deebi'an isaanitti hima'aati Finiqe'ee fi Samaariyaa keessa lufan obboleewwan maruu guddisanii gammadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isaan woldaya amanti'iitiin ergamanii ni deeman, Finiiqe'ee fi Samaariya'aan yoo dabrrantti'llee, waayee gara Waaqaa deebi'uu ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni dubbatan, odduun kun'llee kirstaanota maraa ni gamaachiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf isaan wolde'a kiristaanaatiin ergamanee deemane; isaan Finiiqe'ee fi Samaariyaa keessa taraa, worri Yihudoota hin te'in gara Waaqaa akka deebi'ee fi dhugeeffate himane. Oduun tunille dhugeeffattoota duudii guddoo gammachiitte.