Acts 15:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyoota diqqa'aan duuba Phawuloos, Baarnaabaasiin, “Koottu deebinee, qachaa Jecha Waaqaa itti lallanne duudii dhandhee, akka dhugeeffattooti dhugeeffanna'aan jajjabaatanee jiranu ilaalla” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi bulti diqo toko Pauloni waan Barnabani jed'e, Gara oboleyaani teenna, ta dira nu dubbi Waaqa iti hasoomne ch'ufu keesa jirtu, dachaane waan worri keesa jira ilaalu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii diqqoo achii bubbulanii Phaawulos Baarnaabaasiin, “Kootti dachaaneetti, dira dubbii Waaqaa itti haasoomne cufaa dhandhee, waan obbooleeyyan teenna ta dhugeeffatte keessa jirtuu laalaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa hago'oon maayii Phaawuloos Baarnaabaasiin, «Deebinee bakka dubbii Goofta'aa itti lallabne qachaa marattuu attamitti akka jiran akka beennu obboleeyyan haa tooyannuu» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa hago'oon maayii Phaawuloos Baarnaabaasiin, «Deebineeti bakka dubbii Goofta'aa itti lallabne qachaa marattuu obboloota haa tooyannuu; attamitti akka jiran akka beennu» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyoota muraasaan duubatti Phaawulos Barnaabaasiin, «Koottu deebineeti magaalota asiin durana dubbii Gooftaa itti lallabnne mara obboleeyyan jiran haa toowannuu, attam akka ta'e'llee haa beekinnuu» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyoota diqqa'aan duuba Phawuloos, Baarnaabaasiin, «Koottu deebinee, qachaa Jecha Waaqaa itti lallanne duudii dhandhee, akka dhugeeffattooti dhugeeffanna'aan jajjabaatanee jiranu ilaalla» jedhe.