Acts 15:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa isaan Yerusaalem geyane, wolde'i kiristaanaa, ergantootaa fi jaarsoleen isaan fudhatane; worri ergamelle Waaqi isaan woliin jiraatee waan godhe mara itti himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yerusalemu geennaani, gumi Waaqatiifi ergattufi jaaroleeni worra d'ieesite, worri waan Waaqi harka worratiini tolche ch'ufa odeese.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yerusaalem geennaan, gumiin mana Waaqaa, ergamtootaa fi jaarroleelleen warra keesoomistee, warrii waan Waaqii harka warraatiin tolche cufaa haasa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Yerusaalemiin gayan woldaan Kiristaanaatii fi ergamtoonni, manguddoonnillee isaan simatanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa odeessan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Yerusaalemiin gayan, woldaan Kiristaanaatii fi ergamoonni manguddoonillee isaan simatanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa odeessan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara Yerusaalemii yeroo gayanitti woldeenni amanti'iitii fi ergamittoonni, jaarsotiin'llee isaan ni simatan, ergamittoonni'llee waan Waaqinni isaan woliin ta'ee isaaniif raawwate mara isaanitti ni odeessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa isaan Yerusaalem geyane, wolde'i kiristaanaa, ergantootaa fi jaarsoleen isaan fudhatane; worri ergamelle Waaqi isaan woliin jiraatee waan godhe mara itti himane.