Acts 15:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Golii worra Farisaayotaa keessaa dhugeeffattooti gariin ammoo ol ka'anee dhaabbatanee, “Worri Yihudoota hin te'in akka haqanqabaa qabatuu fi Seera Muuse'ee akka eegatu godhuun barbaachisa'a” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Farisayooni gari ta d'ugefatte, kaate, Worri ha qabanqaba qabate Seera Musa guutu jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fariisotii garii ta dhugeeffatte ammoo kaatee, “Warrii dhugeeffate ka gosa dhibiilleen ha dhaqaanqabaa qabatee seera Muusee guutuu” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gosa Fariisotaa keessaa worri amanan gari gariin ka'anii, «Akka gadoomanii fi akka seera Muuse'ee eegan isaan ajajuu barbaachisa» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gosa Fariisotaa keessaa, «Worri amanan gari gariin ka'anii akka gadoomanii fi akka seera Muuse'ee eegan isaan ajajuu barbaachisa» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu gara worra Fariisotaatii ka ta'an tokko tokko ka'aniiti, «Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne akka gadoomanii fi Seera Muse'ee'llee akka eegan taasisuun ni mala» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Golii worra Fariisaayotaa keessaa dhugeeffattooti gariin ammoo ol ka'anee dhaabbatanee, «Worri Yihudoota hin te'in akka haqanqabaa qabatuu fi Seera Muuse'ee akka eegatu godhuun barbaachisa'a» jedhane.