Acts 16:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos gara qachaa Derbe'ee dhaqee, qachaa Lisxira'aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki'ii ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni dira Derbefi Listra d'ufe. Nama Yeso tokoti jira, ka Timotheo jed'ani: inni ilma niiti Yahudi toko ta d'ugefatte, ammo abbaani isaa gosa Griki.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawluos deemuumadeemee dira Derbee dhufee gara dira Lisxiraatti dabre. Achi ammoo nama Yesusiiti dhugeeffatte ka Ximotewos jedhan tokkootti jira; haatii isaa niitii Yihudii ta Yesusiitti dhugeeffatte takka; abbaan isaa ammoo gosa Griikii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos gara Darbe'ee fi Lisxira'aa gaye; Lisxiraa keessa darasaa Ximootewoos jedhamu ka haati isaa saba Yihuudi'ii, ka abbaan isaa ammo nama Giriikii ta'etu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawulos gara darbe'ee fi Lisxira'aa gaye. Achi mucaa intala Yihuudii amantee darasaa Ximootewoos jedhamu tokkotu jira. Abbaan isaa ammoo nama Giriikii ti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos gara Darbee fi Lisxiraa ni deeme, Lisxiraa'llee nama Ximotewos jedhamu amanaa tokkotu jiraata ture, haati isaa'llee Kristaana Yihudittii turtte, abbaan garuu Giriikicha hin amanne ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos gara qachaa Derbe'ee dhaqee, qachaa Lisxira'aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewoos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki'ii ti.