Acts 16:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos waan kana yaadaan dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya'aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf qophoonne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni daayya suni arginaani, nu maro tokotu aka Makedonia yaanu buufanne, waan aka Waaqi nu yaame, Odu Dansa iti odeesa nuuni jed'e mid'aafanneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma innii daayyaa sun argeen, waan akka Waaqii nu yaamee oduu dansaa warraatti haasa'aa nuun jedhee midhaaffaneef, yoma tokkoon akka Maqedooniyaa yaanu buufanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga eebjuu argeen maayii Dubbii Nagayaa akka lallabnuuf Rabbi waan nu waame waan nutti fakkaateef yoma san gara Maqedooniya'aa bu'uu barbaanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga Eebjuu argeen maayii bakkumatti gara Maqedooniya'aa bu'uu barbaannee, Oduu Nagayaa akka lallabnuuf Rabbi waan nu waame waan nutti fakkaateef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos muldhata kana eega argeen duubatti, bakkumatti gara Maqedooniyaa deemuuf ni barbaanne, kun'llee ka ta'eef namoota Maqedooniyaa tiif'llee, wongeela akka barsiifnnuuf, Gooftaan akka nu waame waan hubanneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos waan kana yaadaan dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya'aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf qophoonne.