Acts 16:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achille'ee qachaa Filiphisiiyusii geenne; qachaan Filiphisiiyusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma'aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni nu Filipi d'umne, dira dira ch'ufa ira gudda toko lafa Makedonia suni keesa, ka Rumiini iti qubatte. Nu dira suni keesa bulti diqo toko teenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achii ammoo dira lafa Maqedooniyaa sun keessaa dira cufa irra guddaa ka Filiphisiiyus jedhan tokko, ka Roomaan itti qubate dhumne. Nu dira sun keessa bulti diqqoo tokko teenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiillee gara Filiphisiyuusii geenne; isiin qachaa Maqedooniya'aa taatee ta qachaa guddittii aanaa jala jirtu; hennaa garii qachaa tana turra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiillee gara Filiphisiyuusii geenne; isin qachaa Maqedooniya'aa taatee ta qachaa gudditii aanaa jala jirtu qachaa tanatti hennaa garii qachaa tana turra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achii'llee kaanee gara Filiphisiiyuus ni geenne, Filiphisiiyuus magaalaa ol aanttuu Maqedooniyatti argamttuu fi biyya bittamittuu Roomaa turtte, magaalaa tanatti'llee guyyaa muraasa ni dabarsine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achille'ee qachaa Filiphisiiyuusii geenne; qachaan Filiphisiiyuusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma'aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle.