Acts 16:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa Sanbataa karra qacha'aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertuuf Jecha Waaqaa barsiinne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya Sabato dira keesa yaane, moga galaana toko, fulla nami Waaqa iti kad'atu d'ageenne d'anne gadi teteenne, nad'eeni fulla suni jirtuti hasoomne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa Sambataa dira keessaa yaanee, gara moggaa galaanaa, fulaa warrii Yihudii Waaqaa itti kadhataa walitti qabamaan seene, dhandhee gadteteennee, nadheen fulaa sun jirtuutti haasoomne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa Sambataa balbala qachatti'ii saniin alatti bakki Rabbiin kadhachu'uuf tolu achi waan jiru waan nutti fakkaateef gara cinaa lagaatiin baanee, teennee dubartoota wol gayanitti dubbanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyya Sambataa balbala qachatti'ii saniin alatti bakki faate'ee tolu achi waan jiru waan nutti fakkaateef, gara cinaa lagaatiin baanee, teennee dubartoota wolgayaniitti dubbanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakka guyyaa Sanbbataa kadhanna'aaf itti wolgayan ture gara bakka magaalaa keessaa bayinsa titti argamu gara laga biraa deeminnee, achi'llee ni teennee dubarttoota wolgayan' dubbii Waaqaa ni barssiifnne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa Sanbataa karra qacha'aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertu Jecha Waaqaa barsiinne.