Acts 16:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira'aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo'oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi'ii bane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Niitiini toko, ta Lidia jed'ani, ta woya didiimtu gurgurtu, ta dira Thiatira, ta Waaqa guddiftu, nu ch'aqafte. Aabbooni garaa isi bane, isiini waan Pauloni jed'e d'ageete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Niitiin wayaa didiimtuu gati gugurdoo gurgurtu, ta dira Tiyaatiraatii dhufte, ta Waaqaatti dhugeeffatte, ta Liidiyaa jedhan takka, nu caqafte. Aabboon qalbii isii baneefii, isiin waan Phaawulos jedhe dhageette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartoota nu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin waaqeffattu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartoota nuu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte; ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin kaddaamtu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubarttoota nu dhageeffatan turan keessaa'llee takka, dhalattuu magaalaa Tiyaaxiroon ka taate, daldalttuu uffata diimaa, dubarttii Liidiyaa jedhamttu takka ni turtte, Isiin'llee dubarttii Waaqaaf sagaddu ni turtte, Gooftaan'llee onnee waan isii baneef, waan Phaawulos dubbatu ni dhageeffatti ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira'aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo'oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi'ii bane.