Acts 16:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isi'ii fi worri mana isi'ii keessa jiru cuuphameen duuba, “Akka ani Gootta'atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te'e, mana kiyya kowa'aa tura'a” jettee jabeessitee kadhatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra ufi ch'ufa woliini batiso argannaani waan nuuni jette yo isani aka anini Aabbo d'ugefad'e agartani, mana kiyya koota achi taa, jette nu sobate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isii fi warrii mana isiilleen cuftii waliin cuuphamnaan, nuun, “Isan yo akka anin Aabbootti dhugeeffadhe amantanii, mana kiyya koottaa achi taa'aa!” jettee nu sobatee, nulleen ee jennee dhandhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii «Goofta'atti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a» jettee nu kadhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii Goofta'aatti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a jettee nu kadhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isi'ii fi namoonni mana isii jiran marrinuu eega cuuphamaniin duubatti, «Goofta'aatti ka amane ta'uu kiyya eega naa mirkaneessitan, gara mana kiyyaa koota'aatii taa'aa» jechuun, cimssitee isaan ni kadhatte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isi'ii fi worri mana isi'ii keessa jiru cuuphameen duuba, «Akka ani Gootta'atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te'e, mana kiyya kowa'aa tura'a» jettee jabeessitee kadhatte.