Acts 16:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin, “Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-ana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban” jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini nufi Paulo gula deemte iyite waan jette, Worri kunini hojattu Waaqa Guddaati, ta kara baha isani agarsiiftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin, “Warrii kunin hojjatoota Waaqaa guddaati, ka karaa fayyinaa isaniitti himu” jettee iyyaa nuu fi Phaawulos gula deemte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Rabbii maraa oliiti!» jedha'aa iyya'aa turte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Waaqa ol'aana'aa ti!» jedha'aa iyya'aa turte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isiin'llee Phaawulosii fi nu'llee horddofaa, «Namoonni kunniin tajaajiltoota Waaqa jiraata'aati! Isaan'llee waayee karaa fayyinnaa, isinitti ni himan!» jechuun ni iyyiti ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-aana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte.