Acts 16:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyanni sun isii keessaa akka bawuuf, “Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja” jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya heddu isiini akasuma tolchite. Ammo Pauloni lalefate isiti mich'irame waan jed'eeni, Anini maqa Yeso Kristotiini, Isi keesaa bahi siini jed'a jed'e. Hojuma suni jinniini taani isi keesaa baate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa hedduu akkasuma tolchite. Phaawulos ammoo laaleffatee gara isiii micciiramee jinniin, “Anin akka maqaa Yesus Kiristootiin, Isii keessaa baatuu sii ajaja!” jedhe; yoma sun jinniin taan isii keessaa baate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammo rakkatee uf duuba midhatee akka ayyaanni hamaan isii keessaa bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatuuf si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammoo rakkateeti uf duuba midhatee ayyaanni hamaan isii keessaa akka bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee guyyaa baay'ee irra dedeebi'aa ni raawwatti ture, Phaawulos garuu dallaneet ufi irra garagalee hafuura battiin, «Maqaa Yesus Kristositiin isii keessaa akka baatuuf si ajaja!» jedhe. Hafuurri battiin'llee bakkumatti ni baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyaanni sun isii keessaa akka bawuuf, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja» jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye.