Acts 16:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate. Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule'een dikamanu ajajje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini wolumaani iti ch'aarte, jari dubbi muru woya worra iraa yaase, d'aana namaani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin guddoon warra kaaniitti daraamtee itti caartee, jennaan warrii Roomaa ka dubbii muru kaan wayaa Phaawulosii fi Siilaasii irraa tatarsaasee, “dhaanaa” namaan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniinillee wol ta'anii isaanitti ka'an; bulchoonni uffata isaanii irraa mulqanii ule'een akka isaan dhaanan ajajan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baniinillee wol ta'anii isaanitti ka'an. Bulchoonni uffata isaanii irraa mulqanii ule'een akka isaan dhaanan ajajan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummanni marrinuu wolii galanii isaan irratti ni ka'e. Namoonni aangoo qaban'llee, uffata Phaawulosii fi Siilaasiin irraa mulqanii, uleen akka dhaanaman ni ajajan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate. Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule'een dikamanu ajajje.