Acts 16:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gara halkan wodhakka'aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna'aa fi faaru'uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Saa jaa ka halkani Paulofi Silani Waaqa kad'atani sirbani, nami hid'aansa keesa jiru ch'ufti worra d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gara halkan saatii ja'aa kanaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqaa kandhatanii faarsanii, namii hidhaansa keessa jiruu cutii warra dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Halkan qixxee ammo Phaawuloosii fi Sillaas Rabbiin kadhata'aa faaru'uun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Worri hidhamanillee caqasa'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Halkan qixxee ammoo Phaawuloosii fi Sillaasi Rabbiin kadhata'aati faaru'uun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Worri hidhamanillee caqasa'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara halkan qixxee titti, Phaawulosii fi Siilaas kadhannaa fi faarssaan Waaqa ni galateeffatan ture, hidhamttoonni kuunniin'llee, isaan ni dhageeffatan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gara halkan wodhakka'aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna'aa fi faaru'uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu.