Acts 16:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duuraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf goraadee buqqifate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddaani mana hid'aansa hiriiba keesa damannaani, balbala bana qabdu arge, waan nami hid'aansa keesaa baqate sehe, sheefti fud'ate ufi ijeesu fed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii mana hidhaa eegu kaan hirriiba keessaa dammaqee, balbala banaa qabdu argee jennaan, waan namii hidhaansa keessaa baqate sehee, goraadee luqqifatee ufii ijjeesuu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka mana hidha'aa eegu hirribaa dammaqee balbalti mana hidha'aa banamtee hennaa arge, waan worri hidhaman jalaa badan seeyee uf ajjeesu'uuf yaadee guraadee luqqifate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka mana hidha'aa eegu hiribaa dammaqee balbaltti mana hidha'aa banamtee hennaa arge, waan worri hidhaman jalaa badan itti fakkaatee, uf ajjeesu'uuf yaadee guraadee luqqifate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Woriddiyyichi'llee hirriba isaatii dammaqee, balballan mana hidhaa banamanii yeroo argetti, hidhamttoonni waan jalaa badan itti fakkaatee, ufi ajjeesuuf billaya ni luqqifate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf shallaagaa buqqifate.