Acts 16:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos ammoo qoonqoo guddo'oon, “Nu martinuu waan asi jirruuf, woyi ifi hin godhin” jedhaa itti iyye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Pauloni qonqo olfud'ate iye waan jed'eeni, Woma ufi intolchiini, nuuni ch'ufti arma jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos ammoo qoonqoo olfudhatee “Homaa ufii hintolchin! Nuun cuftii arma jiraa” jedhee itti iyye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos ammo laagaa gudda'an, «Nu maruu asuma jirraa uf irratti waan hamtuu hin godhin» jedhee itti lallabe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos ammoo laagaa gudda'an, «Nu maruu asuma jira uf irratti waan hamtuu hin godhin» jedhee itti lallabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos garuu, «Marri keennaa asi ni jirra! Kanaaf mataa kee irra miidhaa hin geessin!» jechuun, qonqqa ol aanttu'uun ni iyye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos ammoo qoonqoo guddo'oon, «Nu martinuu waan as jirruuf, woy ifi hin godhin» jedhaa itti iyye.