Acts 16:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos akka Ximootewos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewosii Giriikii akka te'e waan beekaneef tana godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni isa fohate, aka inni isa woliini deemu. Inni isa fuud'e qabanqaba qabeefi, waan Yahudiini fulla suni jirtu ch'ufti aka abbaani isaa gosa Griki beetuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos akka innii isa waliin deemu isa foohatee, waan Yihudiin fulaa sun jirtu cuftii akka abbaan isaa gosa Giriikii beetuuf fuudhee dhaqaanqabaa qabeef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos isa qabatee bayuu fedhe; Yihuudota hulee san jiraniif jedhee akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif qabee gadoomseen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos isa qabatee bayuu fedhe, Yihuudota hulee san jiraniif jedheeti qabee gadoomiseen. Akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee Ximotewosiin fudhatee deemuu waan barbaadeef karaa Yihudota bakka san ni jiran turaniitiin akka gadoomu ni taasisan, kana'llee ka raawwate inni abbaan Ximotewosii Giriikicha ta'uu isaa ni beekan waan tureef, waayee isaatiif jedhaniiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos akka Ximootewoos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewoosii Giriikii akka te'e waan beekaneef tana godhe.