Acts 16:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani mana ufitiini worra d'aqe sagale worraa kenne waan worra ufi woliini Waaqa d'ugefateefi gammade.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan mana ufitiin warra dhaqee sagalee warraa kennee, waan warra ufii waliin Waaqaatti dhugeeffateef guddoo gammade.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara mana ufii isaan fidee hurbaata dhiyeesseef; inni waan Rabbitti amaneef maatii ufii maraa woliin gammade.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara mana ufii isaan fidee hurbaata dhiyeesseef inni waan Rabbitti amaneef maatii ufii maraa woliin gammade.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Phaawulosii fi Siilaasiin gara mana isaa isaan fudhatee, nyaata isaanii ni dhiyeesse, Waaqatti'llee waan amaneef, maatii isaa mara woliin ni gammade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.