Acts 16:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha'aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya'aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka'anee deemane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Paulofi Barnabani mana hid'aansa keesaa yaani mana Lidia d'aqani. Achiti oboleyaani arginaani jabeesani kaani yaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulosiifi Sillaas mana hidhaa keessaa ba'anii, mana Liidiyaa dhaqan; achiitti obbooleeyaan dhugeeffatte arganii, jabeessanii gorsanii ka'anii yaa'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloosii fi Sillaas mana hidha'aatii bayanii gara mana Liidiya'aa seenan. Obboleewwanillee haga argan isaan jajjabeessanii achii deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana hidha'aatii bayanii gara mana Liidiya'aa seenan. Obboleewwanillee haga argan isaan jajjabeessanii achii deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulosii fi Siilaas'llee mana hidhaatii bayanii, gara mana Liidiyaa ni galan, achitti'llee obboleeyyan argatanii, isaan jajabeessanii magaalattii dhiisanii ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha'aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya'aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka'anee deemane.