Acts 16:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Halkan san namichi lafa Meqedooniya'aa tokko dhaabbatee, “Gara lafa Meqedooniya'aa koyiitii nu qarqaar” jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Halkani toko Pauloni daayyaani wo arge. Nami lafa Makedonia toko isa dura ejate isa kad'ate waan jed'eeni, Makedoniati kooti, nu qarqaari.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Halkan tokko Phaawulos namicha lafa Maqedooniyaa tokko ka isa dura ejjee, “Maqedooniyaatti koottii, nu qarqaari” jedhee isa kadhatuu daayyaan arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eebju'uun halkan Phaawuloositti mudhatee namni Maqedooniya'aa tokko, «Gara Maqedooniya'aa ceeyiitii nu gargaari» jedha'aa dhaabatee isa kadhata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eebju'uun halkan Phaawuloositti mudhatee namni Maqedooniya'aa tokko gara Maqedooniya'aa ceeyiitii nuu gargaari jedha'aa dhaabatee isa kadhata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi'llee Halkaniin naminni Maqedooniya tokko dhaabatee, «Gara Maqedooniyaa ce'iitii nu gargaari!» jedhaa yoo isa kadhatu, Phaawulos muldhataan ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Halkan san namichi lafa Meqedooniya'aa tokko dhaabbatee, «Gara lafa Meqedooniya'aa koyiitii nu qarqaar» jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge.