Acts 17:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti Beriyaa jiranu worra Tasaloonqee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya'aan fedhii guddo'oon Barreeffama Woyyicha qorqorane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri lafa suni worra Thesalonike ira dansa. Dubbi Waaqa qalbi dansaani ch'aqasani, t'aafi guyya ch'ufa keesa barbaadani, aka wonti kunini d'uga ilaalani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii lafa sunii warra Tasaloniiqee irra dansaa. Dubbii Waaqaa qalbii dansaan fudhateetti, guyyaa cufa kitaaba qulqulloo keessa akka wantii kun dhugaa laala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin worra Tasoloonqee jiran caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aa dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin worra Tasoloonqee jiran irraa caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aati dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudonni Beeriyaa jiran worra Tasaloonqee jiran irra, ilalcha qajeelaa ka qaban waan turaniif, dubbii gammachuu ol aanaan ni fudhatan, dhugummaa dubbii'llee mirkaneessuuf, guyyama guyyaan kitaabban Qulqulluu'llee ni qoratan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti Berii'a jiranu worra Tasalonqe'ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya'aan fedhii guddo'oon Barreeffama Woyyicha qorqorane.