Acts 17:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti Tasaloonqee keessa jiranu ammoo, Phawuloos Jecha Waaqaa qachaa Beriya'aalle'etti akka lallabe yennaa dhage'ane, achille dhaqanee kolbaa hammeessanee nageya booressane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yahudiini Thesalonike, aka Pauloni dubbi Waaqa Beroya keesati odeese d'ageennaani, achi d'ufte biyya iti kaafte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin Tasaloniiqee ammoo, akka Phaawulos dubbii Waaqaa Beriyaa keessatti haasa'e dhageennaan, achi dhuftee biyya itti kaafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni Tasolonqee jiran ammo Phaawuloos Beeriya'atti akkasuma dubbii Rabbii akka lallabe hennaa beekan, garasillee dhufanii banii booreessan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonni Tasolonqee jiran ammoo akka Phaawuloos Beeriya'atti akkasuma dubbii Rabbii lallabe hennaa beekan, garasillee dhufanii banii booreessan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Yihudonni Tasaloonqee jiran, Phaawulos Beeriyatti, dubbii Waaqaa akka lallabe yeroo beekanitti, dhagayanitti garasi dhufanii, ummata gurmmeessanii, jeeqama ni kaasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti Tasalonqee keessa jiranu ammoo, Phawuloos Jecha Waaqaa qachaa Beriya'aalle'etti akka lallabe yennaa dhage'ane, achille dhaqanee kolbaa hammeessanee nageya booressane.