Acts 17:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti Phawuloos geegessane qachaa Ateena'aatiin isa geyanee, dhaansa Phawuloos, “Siilaasii fi Ximootewos ariiti'iin gara kiyya dhufanuu ti” jedhe fuudhanee gara qachaa Beeriya'aa deebi'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Beroyati galisaa kae jennaani Pauloni aka Silafi Timotheoni hure gara isaa d'ufani worrati d'aame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Phaawulos geegesse dira Ateenaatiin ga'ee Beriyaatti dacha'uu ka'ee jennaan, Phaawulos akka Silaasii fi Ximotewos hurree gara isaa dhufan warraatti dhaame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Phaawuloosiin geegessan ammo haga Ateena'aa geessaniin. Ajaja Phaawuloosii ka, «Haga isaanii danda'ameen ariiti'iin uduu hin turre Sillaasii fi Ximootewoos gara kiyya haa dhufanii» jedhu fudhatanii deebi'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Phaawuloosiin geegessan ammoo haga Ateena'aa geessaniin. Haga isaanii danda'ameen dadafanii gara isaa akka dhaqan gara, «Sillaasiitii fi Ximootewoosii ajaja qabatanii deeban.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni Phaawulosiin geegessan haga Ateenaa ni geessaniin, «Siilaasii fi Ximotewos dadafaan gara kiyya haa naa dhufan» ajaja jedhu ka Phaawulos, qabatanii gara Beeriyaa ni deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti Phawuloos geegessane qachaa Ateena'aatiin isa geyanee, dhaansa Phawuloos, «Siilaasii fi Ximootewoos ariiti'iin gara kiyya dhufanuu ti» jedhe fuudhanee gara qachaa Beeriya'aa deebi'ane.