Acts 17:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos qachaa Ateena'aa keessatti Siilaassii fi Ximootewos adoo eeguu waaqoti qachaa san attam akka guutane yennaa dhagge, gadhaan isaa gubate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Pauloni Athene keesati Silafi Timotheo eegu, aka diri suni waan harkaani boch'aniini guutame arge guddo lalefate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos adoo dira Ateenaa keessaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewos eeguu, akka dirii sun waaqota sobaa ka harkaan bocaniin guutame argee guddoo laalefate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos Ateena'atti uduu isaan eega'aaru waaqoleen tolfamaan qachaa keessatti ka baay'ataniiran argee, aaree garaan gubate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos Ateena'atti uduu isaan eega'aaru waaqoleen tolfamaan qachaa keessa ka baayi'ataniiran argee, aaree garaan gubate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos Ateenaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewosiin uduu eegaa jiru, magaalattii keessa waaqoleen harkaan hojjatamaniin guutuu yeroo argetti, hafuura isaatiin haalaan ni aare.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos qachaa Ateena'aa keessatti Siilaasii fi Ximootewoos adoo eeguu waaqoti qachaa san attam akka guutane yennaa dhagge, gadhaan isaa gubate.