Acts 17:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worra Ephequriyoosii fi Istoyikos jedhamanu keessaa ka waan biyya lafaa qorqoranu isatti falamane; gariin, “Funaantichi kun maan jedhuu barbaada?” jennaan, Worri dhibiille waan Phawuloos marroo Yesuusiitii fi du'aa ka'a isaa lallabeef, “Inni marroo waaqota ormaa dubbatara fakkaata” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari woi beekhu toko, ka Epikureofi Stoiko jed'ani, isaani dubbi morme. Nami gari waan jed'e, Namichi daallichi kunini maani jechu jira? Ammo ka gari waan jed'e, Inni nama waan waaqoota ka nami imbeenne hasau jiru fakaata. Wonti worri akana jed'eefi waan Pauloni waan Yesotiifi waan kaisa isaa worrati hasaeefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii barsiisotaa ka beekumsa biyya lafaa qoru, ka Ephequriyos fi Istoyikos jedhan tokko, isaan dubbii morme. Namii garii, “Namichii daallichii kunin maan jechuu jira?” jedheen. Ka garii ammoo, waan innii waan Yesusiitii fi waan du'aa ka'iisa isaa warraatti haasa'eef, “Innii nama waan waaqoota gosa dhibii haasa'uu jiru fakkaata” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Efiqoroos ogeeyyii Istookoos worra jedhaman gari gariin isaan wol argan; gariin ammo, «Kun qaaqilichi maal dubbatuu barbaada?» jedhan. Gariin waan Dubbii Nagayaa du'aa ka'uu Yesuusii waan isaanitti lallabeef, «Waan waaqolee haarawaa waan dubbatu fakkaata» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra Efiqoroos ogeeyyota Istookoos worra jedhaman gari gariin isaan wol argan, gariin ammoo, «Kun qaaqilichi maal dubbatuu barbaada?» jedhan. Gariin waan Oduu Nagayaa du'aa ka'uu Yesuusii waan isaanitti lallabeef, «Waan waaqolee haarawaa waan dubbatu fakkaata» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ehequriyos fi Istoyikos falaasamoonni jedhaman'llee, gara isaa dhufa'aa, isaan wol ni mormmaniin turan. Tokko tokko, «Kun odeessan maal jechuu barbaada?» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Waayee waaqolee haarawwanii waan dubbatu fakkaata» jedhan ture, Kana'llee ka jedhaniif, waan Phaawulos odduu mishaa du'aa ka'a Yesusii lallabeef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra Ephequriyoosii fi Istoyikos jedhamanu keessaa ka waan biyya lafaa qorqoranu isatti falmane; gariin, «Funaantichi kun maan jedhuu barbaada?» jennaan, Worri dhibiille waan Phawuloos marroo Yesuusiitii fi du'aa ka'a isaa lallabeef, «Inni marroo waaqota ormaa dubbataara fakkaata» jedhane.