Acts 17:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan Phawuloos qabanee kora gaara Aariyophaagos jedhamuu irratt wolitti qabamu dura geessanee, “Barsiisa haareya ati barsiittu kana maan akka te'e beekuu dandeennaa?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri isa fuud'e, gara Areopago geesani waan jed'aniini, Barsiisa haraa atini nama barsiiftu tana d'agayu feena.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii isa fuudhee, gara Aariophaagos geessee, “Barsiisa haraa atin nama barsiiftu tana dhaga'u feena.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isa qabanii, «Barumsi haaroofni ati dubbattu kun maal akka ta'e beekuu dandeennaa? Waan haarawa waan nutti himteef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isa qabanii, «Barumsi haroofni ati dubbattu kun maal akka ta'e beekuu dandeennaa? Waan haarawa waan nutti himteef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Phaawulosiin qabanii bakka Aariyophaagos jedhamutti, gara yaa'ii wol gayuu fidhaniiti, akkana jedhaniin, «Barsiifnni ati barsiifttu haarofnni kun, maal akka ta'e beeku'uuf ni dandeenna ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan Phawuloos qabanee kora gaara Aariyophaagos jedhamuu irratti wolitti qabamu dura geessanee, «Barsiisa haareya ati barsiittu kana maan akka te'e beekuu dandeennaa?