Acts 17:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Ateena'aa duudi'ii fi ormi achi le'u duudiin waan haareya odeessu'uu fi dhage'uu malee, yenna ifii waan dhibii irratti hin dabarsanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama Athentiifi keessumaani fulla suni d'ufte ch'ufti hojja ch'ufa woma intolchitu, waan haraa hasaani yokhaani ch'aqasani male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Ateenaatii fi keessumaan fulaa sun dhufteelleen cuftii, waan haraa haasa'an yokaan caqasan malee, yo cufaa homaa hintolchitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni Ateena'aa maruu keessummoonni achi jiraatan dubbii haarawa dubbachu'uu fi dhagayuu malee worra hujii biraa hin qabne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni Ateena'aa maruu keessummoonni achi jiraatan, dubbii haarawa dubbachu'uu fi dhagayuu malee hujii biraa waan hin qabneef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana ka jedhaniif, namoonni Ateenaatii fi namoonni Ateenaa jiraatan ka biyya alaa, namoonni marri waan haarawa dubbachuu fi dhagayuu qofaan, yeroo isaanii dabarssuu ni jaalatan waan tureef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Ateena'aa duudi'ii fi ormi achi le'u duudiin waan haareya odeessu'uu fi dhage'uu malee, yennaa ifii waan dhibii irratti hin dabarsanu.