Acts 17:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani qachaa keessan keessa dabaruun, addee isin Waaqa waaqeffattanu yennaa ilaale, addee ciinca'aa ‘Waaqa hin beekkanneef’ jedhamee irratti barreeffame tokko dhaggeera. Yoona ani Waaqa isin adoo hin beekin waaqeffattanu kana, isinitti lallaba.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato anini dedeeme aada kad'acha teesani ilaalu, anini dubbi toko ta fulla isani sorio iti qalattani gubbati t'aafani arge, ta GARA WAAQA NAMI IMBEENNE jettu. Tanaafi waan isani ato imbeenne kad'attani suni anini isaniti odeesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin adoo dira keessan keessa dedeemee waan kadhachaa teessanii laaluu, dubbii tokko ta fulaa isan sooriyoo itti qalattanii irratti barreessan, ta ‘Gara Waaqaa namii hinbeennee’ jettu arge. Tanaaf waan isan adoo hinbeennee kadhattan kana anin isaniitti hima.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan waaqeffattan laala'aa yoo deemu, barreeffama ‹Waaqa hin beekkamneef› jedhullee hulee ciincaa itti dhiyeessan tokko irratti arge. Eegasuu ka uduu hin argine waaqeffattan kana kunoo ani isinitti hima.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kaddaamtan laala'aa yoo deemu, barreeffama ‹Waaqa hin beekkamneef› jedhullee mi'a kennaa Rabbii itti dhiyeessan argeera. Eegasuu ka uduu hin argine kaddaamtan kana kunoo ani isinitti hima.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
magaalaa teessan keessa asii fi achi naanaya'a bakkeewwan waaqeffannaa keessan yoo laalu, ‹Waaqaa hin beekkamnneef› jedhamee ka itti barreeffame, bakka furddaa ni argadhe, eegaa ani amma ka isinitti himu kana uduu hin beekin waayee Waaqa isa waaqeffattaniit.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani qachaa keessan keessa dabaruun, addee isin Waaqa waaqonfattanu yennaa ilaale, addee ciinca'aa ‹Waaqa hin beekkanneef› jedhamee irratti barreeffame tokko dhaggeera. Yoona ani Waaqa isin adoo hin beekin waaqonfattanu kana, isinitti lallaba.