Acts 17:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni nama duudi'iif jiru'uu fi hafuura, waan dhibii maralle ka kennu waan tee'eef, wonni isa irraa dhidhatu hin jiru; qarqaarsi namaalle isaaf hin barbaachisu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani harki nama isa inyaachisu, aka waan inni wo fed'u. Wonti akanatiifi inni jireennafi hafuura nama ch'ufaa kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan ufiiftuu nama cufaa, jireennaa fi hafuura, waan barbaachisaaf cufaa kennuufii, qarqaarsa homaatuu, harka nama tokkoollee irraa hinfedhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni namoota maraafuu jireennaa fi Hafuura akkasuma ka woma maraa kennu waan ta'eef, womaa isa jalaa waan hin dhidhanneef hujii harka namaatiin hin tajaajilamu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni jireennaa fi ayyaana waan maraa maraayyuu waan kennuuf, akka waan waa jalaa hanqatee, waan harki namaa hojjatetti hin fayyadamu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lubbu'uu fi hafuurri, wonittoota kaanniin'llee nama maraaf ka kennu isa waan ta'eef, womaayyuu isatti hin hanqatuun, gargaarssa namaa'llee isa hin barbaachisuun.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni nama duudi'iif jiru'uu fi hafuura, waan dhibii maralle ka kennu waan te'eef, wonni isa irraa dhidhatu hin jiru; qarqaarsi namaalle isaaf hin barbaachisu.