Acts 17:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni sanyii namaa duudii nama tokko irraa dadee, lafa mara irra akka le'anu godhe; inni bara leetoo isaaniitii fi addee leetoo isaaniille meessaa itti godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni nama toko iraa gosa lafa ch'ufa keesa teetu uume, lafa ch'ufa keesa qubsise. Isumati qara bara gochiti suni teetufi seera lafale tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii nama tokko irraa gosa lafa cufaa keessa teettu uumee, lafa cufaa keessa qubsiise. Isumaatti qaraa bara gochitii sun teettuu fi daarii lafaallee tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sanyii nama maraatuu gosa tokko irraa uumee ardii maraa irra akka jiraatan taasise; haga bara jiraataniitii fi daangaa jiraatan isaaniif murteesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maal laataa yoo ka qoru'uun bira gayan ta'e Rabbiin akka soqaaniif ardii maraa irra akka jiraataniif gosa ilmaan namaa maraa nama tokkicha irraa uume. Baroota murtaayeef daangaa lafaa irra jiraatanillee isaanii kenne. Haata'uu ammoo nu maraa irraa ka fagaatee miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni fiixaa ilma namaa maraa nama tokko irraa ka uume, biyya lafaa mara irra akka jiraatan'llee ni taasise, baroota murtaayanii fi bakka jiraatan'llee, isaaniif ni ramade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni sanyii namaa duudii nama tokko irraa dadee, lafa mara irra akka le'anu godhe; inni bara leetoo isaaniitii fi addee leetoo isaaniille meessaa itti godhe.