Acts 17:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du'aa ka'uu akka qabu mirkaaneessee, “Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihi'i” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni diideese worra agarsiise, aka Yesoni gaargale duisa keesaa kau male, ammalle, Yesoni kunini ka anini isaaniti himu d'uguma Kristo worraani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii diideessee, akka Kiristoon gaargalee du'a keessaa ka'uu malee, ammallee “Yesusiin kun ka anin waan isaa isanitti himu kun dhuguma Kiristoo” jedhee dhugaa warra garsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo isaanii ibsu Kiristoosiin irra akka rakkinni gayu, du'aa ka'uun isaaf akka ta'u isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yoo hiikullee Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'uun isaaf akka ta'u, isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Masihichi rakkinna fudhachu'uu fi du'aa ka'uun akka isaan malu ibisee hubachiisa'aa, «Kun ka ani isiif lallabu Yesusii Masihicha» ni jedha ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du'aa ka'uu akka qabu mirkaneessee, «Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihii» jedhe.