Acts 17:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri gariin ammoo waan inni jedhe gula goree dhugeeffate. Worra dhugeeffate keessaa Diiyoniisiyos ka jedhamu miseensa kora muraa Aariyophaagosii ka te'e, akkasuma dubartii Damaariis jedhantu takkaa fi worri dhibiille jiran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari isati mataqe d'ugefate, toko Dionisio jed'ani, nama goli Areopago, tokoleeni niiti toko ta Damari jed'ani, ammalle nami d'ibileeni ka worra woliini jiru d'ugefate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii isaatti dhi'aatee dhugeeffate; namii isaatti dhi'aatee dhugeeffate tokko Diiyoniisiyos jedhan, ka miila (goli) Aariyophaagos, tokkoolleen niitii tokko ta Damaariis jedhan, ammallee namii dhibiilleen ka warra waliin jiru ya dhugeeffate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri dhiiraa gariin wolii galanii amanan. Isaan keessaa akkasuma Diiyaanasoos abbaa seeraa ka mana murtii Ariyoosfaagoos jiru, dubartiin Damaaris jedhamtu takkaa fi kuuwwanillee isaan woliin turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri dhiiraa gariin wolii galanii amanan. Isaan keessaa akkasuma Diiyaanasoos abbaa seeraa ka mana murtii Ariyoosfaagoos jiru, dubartiin Damaaris jedhamtu takkaa fi kuuwanillee isaan woliin turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
namoonni tokko tokko garuu isa woliin hirmmaataniiti ni amanan, Phaawulosiin woliin hirmaatanii ni amanan, namoota amanan jidduu'llee misseenssa yaa'ii ka ta'an, naminni Diiyonaasyoos jedhamee fi dubarttiin Damaaris jedhamtte takkaa fi kuunniin'llee isaan keessatti ni arggaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri gariin ammoo waan inni jedhe gula goree dhugeeffate. Worra dhugeeffate keessaa Diiyoniisiyos ka jedhamu miseensa kora mura'aa Aariyophaagosii ka te'e, akkasuma dubartii Damaariis jedhantu takkaa fi worri dhibiille jiran.