Acts 17:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan keessaa gariin, Giriikoota Waaqa waaqonfatanu heddu'uu fi dubartooti beekkamane hedduun dubbii isaa fudhatanee, Phawuloosii fi Siilaas woliin wol qabatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari d'ugefate, Paulofi Sila woliini yae; jara Griki ka Waaqa sodaatufi nad'eeni gurra qabdu hedduleeni d'ugefatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii dhugeeffatee, Phaawulosii fi Siilaas waliin yaa'ee; jarii Griikii ka Waaqaa sodaatuu fi nadheen gurra qabdu hedduulleen dhugeeffatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu isaan keessaa gari garii waan dhagayan fudhatanii Phaawuloosii fi Silaasiin wol ta'an; akkasuma dubartoonni Giriikotaa heddu worri Rabbiin sodaatan kabajjamoonni waan dhagayan fudhatanii isaaniin wol ta'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan keessaallee gariin hubatanii worri Rabbiin kaddaaman namoonni Giriikotaa dubartonni kabajjamoonnii heddu ta'an, Phaawuloosii fi Sillaasiin wol ta'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isaan keessa tokko tokko dubbii hubatanii, Phaawulosii fi Siilaasiin woliin ni hirmmaatan, akkuma kana Ummanni Waaqa dhugaa titti amanan haalaan baay'een, dubarttoonni baay'een magaalatti beekkaman, dubbii hubatanii ni hirmmaatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa gariin, Giriikoota Waaqa waaqonfatanu heddu'uu fi dubartooti beekkamane hedduun dubbii isaa fudhatanee, Phawuloosii fi Siilaas woliin wol qabatane.