Acts 17:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Phawuloosii fi Siilaas dhabane ammoo, Yaasonii fi dhugeeffattoota garii harkisanee, bulchitoota qacha'aa duratti geessanee, “Worri biyya lafaa duudii rakkise kun, amma gara qachaa kennaalle dhufeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worra d'amnaani Yasonifi oboleyaani gari qabani, gara jara gugurda hirkisani, iyani waan jed'ani, Worri lafa ch'ufa garagalche kunini yayu armaaleeni bahe,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra achii dhamnaan ammoo Yaasonii fi obboleeyyan dhugeeffate ta garii qabanii, gara jara gugurdaa harkisanii, “Warrii lafa cufa gargalche kunin yaayyuu armaalleen ba'e;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa arguu dhaban Iyyaasoonii fi obboleewwan gari garii gara bulchoota qachaa ufii harkisanii, «Worri adunyaa booreessan kunniin, garanallee dhufaniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa arguu dhaban Iyyaasoonii fi obboleewwan gari garii gara bulchoota qachaa ufii harkisanii, «Worri adunyaa booressan kunniin, garanallee dhufaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu yeroo isaan dhabanitti, Yaasonii fi amanttoota tokko tokko namoota aangoo qaban ka magaala'aa titti dhiyeessuuf, isaan harkisanii ni fidan, akkana'llee jedhaa ni iyyan ture, «Kunniin namoota biyya lafaa mara jeeqan amma ammoo garana dhufanii jiran!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Phawuloosii fi Siilaas dhabane ammoo, Yaasonii fi dhugeeffattoota garii harkisanee, bulchitoota qacha'aa duratti geessanee, «Worri biyya lafaa duudii rakkise kun, amma gara qachaa keennaalle dhufeera.